Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigiraayitti Itti aanaa Pireezidaantii kan Ta’an Leetenaant jeneraal Taaddeesee Warredee dilbata kaleessa ibsa miidiyaalee naannichaaf kennaniin bulchiinsi isaanii namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran gara qe’ee isaaniitti deebisuuf qophii xiinsammuu dabalatee kanneen biraallee taasisuu himanii gama mootummaa Federaalaan garuu qamooleen nageenyaa bakkoota buqqaatoonni kunneen deebi’anitti hojiin dursanii hojjechuu qaban hin jalqabamiin jira jedhan.
Itti dabaluunis buqqatoonni Tigiraay bakkoota itti deebifaman naannoo daangaa Amaaraa fi Tigiraay akkataa walii galtee Piriitooriyaattii fi kan mootummaan Federaalaa bakkoota falmisiisoo jedhee wamu aanaalee Raayyaa irraan kan hafe bulchiinsoonni seeraan alaa ammayyuu kan hin diigamnee ta’uu himanii waraanichaan boodas hidhattoota hidhannoon bakkicha qabatanii jiran bittimsuun hanga ammaa osoo hin jalqabamiin jiraachuun buqqaatota gara qe’ee isaaniitti deebisuun akka harkifatu taasiseera jedhan.
Qaamooleen nageenyaa Federaalaa akka karoora yeroo qabameefiitti hojiirra oolchuuf hojjetu jedheen amana kan jedhan Letenaat Jeneraal Taaddesee werredee Wal waraansichaan dura hidhattoonni turanii fi hidhannoo isaanii waliin jiraattoonni buqqa’aniiran hidhannooma isaanii waliin gara qe’ee isaaniitti akka deebifamuun akka itti fufan walii galteerra ga’amuu isaas ibsaniiru.
Hojii irra oolmaa buqqaatota gara qe’ee isaaniitti deebisuurratti bulchiinsi isaanii mootummaa Federaalaa deeggaruuf qophii akka ta’e kan himan Taaddesee werredeen , buqqaatoonni waqtii gannaa bara kanaa buufataalee buqqaattootaa keessatti akka dabarsaniif hin eeyyamnu jedhanii, naannoo Amaaraa waliinis deebinee walitti bu’insa keessa galuu hin barbaadnuus jedhaniiru.
Itti Aanaan Pireezidaantii bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay kun ibsa isaanii dilbata kaleessaa keessatti naannicha keessatti daldalli kontiroobaandii ,
Deeddeebisa namoo taa fi meeshaalee waraanaa seeraan alaa mudateera jedhanii rakkoowwan kanaaf furmaata kennuuf rakkoo gama nageenyaan jiru furuurratti hojjennas jedhan.
Komii harkifannaa gama mootummaa federaalaan jira jedhaniif mootummaa Federaalaarraa deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofbne jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Atsibahaatu gabaase.
Forum