Xurree ittiin seenan

Breaking News

Burkiina Faasoo keessatti tajaajilli  Interneetii akka cufamu taasifame


Biyya lixa Afrikaa Burkina fasoo keessatti tajaajilli interneetii erga cufamee guyyaa 4 ta’era. Mootummaan biyyatti tajaajilaa internaatii kan bilbilaa harkaa dabalatee akka cufamu taasisuun itisa biyyaa fi nageenya sabaatiif barbaachisaadhaa yemmu jedhu roogeeyyonni biyyatii immoo mirgaa sabaa dhiibuudhaa jechaa jiru.

Mootummaan tarkaanfii interneeta cufuu kana kan fudhate, dhiheenyaa kana mormitoonii konkola’attoota loltootaa biyya Faransaay Fe’anii Ayiveri kost irraa gara Niijerti imalaa turan ergaa umnaan dhaabsisanii booda.

Akka mormiitoonni jedhanitti waraanii biyya Faransaay sochii garee Islaamic Isteet jedhamee beekamu too’achuudhaaf jecha biyyatii keessaa seenee jiru bahuu qaba.

Karaa biraatiinis Sadaasa 14 /2021 ergaa gareen hidhattootaa Al qaa’idaa wajjin hidhata qaba jedhamu kaabaa biyyatti keessatti mooraa poolisootaa irratti dhukaasa banudhaan poolisootaa 50 ajjeesuun isaa dadhabiinsa mootumaan nageenya lammii biyytti eegsisuu irratti qabu irraa kan ka’eedhaa jechuudhaa mormiin taasifamaa akka ture gabaasameera.

XS
SM
MD
LG