Xurree ittiin seenan

Breaking News

Burkiinaafaasoo Keessatti Fonqoolchi Mootummaa Gaggefamaa Jira 


Burkiinaafaasoo Keessatti Fonqoolchi Mootummaa Gaggefamaa Jira 
Burkiinaafaasoo Keessatti Fonqoolchi Mootummaa Gaggefamaa Jira 

Prezidaantiin Burkinaafaasoo Kaboree fi miseensonni mootummaa isaanii looltoota gananiin hidhamuu gabaasaan gamasii argamee hubachisee jira.Maddeen oduu akka jedhanti masaraa mootummaa isa magaala Ogaaduuguu jiru cina irraa dhukaasnii guddaan dhaga’amaa jira.

Burkiinaafaasoon gareelee shoroorkeessootaa kanneen al-qaa’idaa fi islaamiik Isteetes waliin hidhata qaban waliin erga bara 2015 kaasee walitti bu’iinsa keessa jirti.

Madheen waraanaa biyyatti inni Kaaba biyyatti keessaa shoroorkeessoota namoota 49 ajjeesaniin eega to’atamee booda, oduun fonqolcha mootummaa kun torbanneeniif odeeffamaa ture.

Prezidaant Kaboreen miseensoota kaabinee isaanii fi hogganoota waraanaa baatii Muddee dabree hojii irraa ari’uun deebii kennan.

Hokkarri ammaa kun Dilbata kaleessaa ganama kan jalqabamee yoo ta’u kunis maadhee waraanaa guddaa ogaaduuguu keessa jiru irraa dhukaasii meeeshaalee gurguddaa eega dhaga’amee booda.

Baatilee darban 18 Afrikaaa dhiyaa keessatti fonqoolchi mootummaa ennaa gaggeeffamu kun yeroo sadaffaaf yoo ta’u, Maalii fi Ginii keessattis ta’uun ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG