Lammiwwan Amerikaa kanneen fudhachuuf ulaagaa guutan, talaalii dandeettii qaamii namaa dhukkuuba of-irraa ittisuuf qabu daran jajbeessuu kan Buustar jedhamu fudhachuun akka qaban ibsamee jira.
Kunis, vaayrasii haaraa Omiikron jedhamu ittisuuf kan gargaaru ta’u, hayyuun dhukkuuboota Daariiqaa (infeekshiin) Dr Antonii Faawuchii Dilbata kaleessaa beeksisanii jiru.
Prezidaant Baaydiniif gorsaa waa’ee fayyaa Antonii Faawuchii Televiziyoona ABC jedhamuuf akka ibsanti, vaayrasii haaraan talaaliwwan marsaa sadiin kennamaniin ittisuun ni danda’ama.
Lammiwwan Amerikaa kanneen Miliyoona 202 ta’an guutummaatti talaalii farra KOOVIID-19 kan argatan yoo ta’u, garu kannen talaaii isa Buustar jedhamu kan argatan Miliyoona 53.8 qofa ta’u ibsan.
Yoo caalaatti ykn guutummaatti of-irraa ittisuuf talaalii Buustar argachuu qabdu kan jedhan Dr Faawuchiin, humna qaamnii dhukkuuba of-irraa ittisuuf qabu dabaluu danda’uun,akkasumas vaayrasii isa haaraa irratti hojjachuun isaa oduun nama jajjabeessuu jedhan.