Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caama Godina Boranaa Mudate


Anaalee goodiina Boranaa keessa jiran 13 keessaa 10 balaa caamaan dhahamuu isaanii bulchaa Godina kanaa kan ta'an Obbo Boruu Godaanaa ibsanii jiru.Loon du'an akka jiran kan ibsan obbo Boruun, haalli jiru to'annaan ala hin taane, gargaarsa adda addaas mootummaan kennaa jira jedhu.Lafa mootummaan dhaqqabu hafeetti immo jaarmayoota gargaarsaa kan dhunfaa gargaaraa ka jiran ta'u dubbatan.

Gama kaaniin immo jiraatoonni aanaa Areeroo fi Moyyalee yaada kennaniin, caamnii fi beelli mudate isa ammaan dura ture irra ka baranaa hamaa ta'u xuquudhaan, dhabbatootii dhunfaa irra kan hafee mootummaan waan uummata gargaare hin qabu jedhu.Loon hedduutu dhumate, uummanni waan afaanti deffatu barbaacha qe'e gadhisee godaanaa jira jedhan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG