Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caamii aduu ba’e,Cheeriin daraare, qilleensii urgaa’e…Washington DC Daawwachuuf namii ya lafatti baafate


Cheeriin kunoo ya daraaree namii daawwi itti baafate
Cheeriin kunoo ya daraaree namii daawwi itti baafate

Dhaamochii dabre,caamii ba’e,fooleen daraaraa urgoofte,mukii baala baase, namii wayaa dhaamoachaa keessaa yaa’ee ta aduu naqatu,laftii dottaatte—Amerikaatti amma laftii Ganna,namii ya daawwii lafa baafate.

Kaan footoo kaafataa,kaan midhaaguma lafaa viidiyoon waraabbataa,kaan lafa daawwata, kaan lafa daawwataa namuu gama gamaan wal mixa.

cherry blossom
cherry blossom

​Keessumattuu saatii ammaa tana teessoo mootummaa Amerikaa, Washington DC keesatti turistii kuma dhibba hedduutti lafa daawwiif keessa jira.

Ammaan tana yoo mukii Cheerii ganna 105n duratti bulchaan teessoo mootummaa Jappaan, Tokyoo Yukio Ozaki hariyummaa mootummaa lamaanii jabeessuuf Bitootessa 12,1912 Washington,DC kenne.

Muka Cheerii
Muka Cheerii

​Gaafasii jalqabanii yoo mukii Cheerii daraaru Cherry Blossom Festival jedhanii qophii gammachuu hedduu karaa gugurdaa DC irratti qopheessan.Qophii tana nama kuma hedduutti daawwii dhufa.

Cheeriin muka damee hedduu,baala addii fi diimaa fakkaatu qabu ka lafa urgeessu.

Muka Cheeriin kana Bitootessa 27,1912 haatii warraa pirezidaantiin Amerikaa William Howard Taft fi haatii warraa ambaasaaddera Jappaan, Viscountess Chinda muka Cheerii lama laga Potomaak gama Dhiyaatin dhaaban.

Amma mukii Cheeriin kun DC keessaa fulaa sadii jira:Tidal Basin paarkii Potomaak gama Dhiyaa fi Paarkii Potomaak gama Bahaatii(Hains Point),fi naannoo Washington Monument(Soodduu DC) jedhan.

Cherry blossoms, Tidal Basin Bitootessa 24, 2016 DC.
Cherry blossoms, Tidal Basin Bitootessa 24, 2016 DC.

​Akka dhaabii paarkii US jedhutti dhaamchii dhiyoo tanaalleen Cheerii daraarauu hin dhowwine Cheeriin haga guyyaa 10n dhufaa hinuma daraara.

Warra lafa daawwii dhufe keessaa kun akkana jedha. “Guyyaa dansaa ka Cheeriin akka dansaa daraaru guyyaan hin dhumnee isumaa gara sanbata lamaanii akka malee midhaaddiiyyuu seha.”

Guyyaan Festivaalii Cheerii baruma baraan jijjiiramaa barana Biotootessa 220-Ebla 17,2016 keessa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG