Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caasaan Buusiin Qarqaarsa Ittin Walitti Qabu "Diyaaspooraa Trasti Fandi" Jedhamu Hudeeffame


Doolaarii Ameerikaa tokko

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed, baajeta bara bara dhufuu ennaa paarlaamaa biyyattiif dhiheessanitti, lammiwwan Itiyoophiyaa ala jiraatanii fi lammiwwan biyyoota alaa hidda dhalata Itiyoophiyaa, maakkiyaatoo guyyaatti dhugan irraa hanqisuudhaan, guyyaatti doolaara tokko, lammiwwan Itiyoophiyaa keessa jiraatan akka gargaaran waamichi dhiheessan fudhatama argachuu isaan, Gumiin miseensota lammiwwan ala jiraatan 15 of keessaa qabu, kan “Diaspora Trust Fund” hundeessamee jira.

Muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimed, maallaqni lammiwwan Itiyoophiyaa fi lammiwwan alaa dhalata Itiyoophiyaa gumaachan, otuu saantiimni tokko keessaa hin badiin, bu’uraalee misoomaa biyyattii keessa jiran keessatti qaawwaalee mul’atan cufuuf akka oolfamu mirkaneessanii jiran.

Waamicha muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa kana simachuudhaan, dhaabbatoota faayinaasii sadarkaa Addunyaa keessatti hayyoonni oguma sadarkaa ol’aanaan hojjetan, proofessarooonnii fi qorattoonni yunivarsitiilee bebbeekamoo keessaa hojjetan, falmitoota mirga dhala-namaa, dhiittaa mirga dhala-namaatiin jabeessanii Itiyoophiyaa qeeqaa turan kan keessatti argaman – lammiwwan Itiyoophiyaa fi lammiwwan biyyoota alaa dhalata Ityoophiyaa 15 fedha isaaniitiin tajaajiluuf ka gumii kanatti seenan tahuun beekamee jira. Dura-taa’aan gumii kanaa, Kaalifoorniyaa Isteetis Yunivarsitii, Kan San Barandiinoo jirutti hayyuu Saayinisii siyaasaa fi seeraa, Proofesar Alemayehu G/Maariyaam yoo tahan namoonni bebbekamoon akka artist Taammaanyi Beyyenee, Abbaa-qabeenyaa – Obbo Tashitee Waaqoo faa keessatti argaman.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG