Xurree ittiin seenan

Breaking News

Carraa DV Kanneen Argatan Nuti Hin Gufachiisne Jedha Embaasiin Amerikaa Finfinnee Jiru


Namoonni carraa DV argatan ragaa mana barnootaa fi ka biroo barbaachisaa utuu qabnuu carraan keenya nu duraa gubate jechuun himatan.

Embaasiin Amerikaaa kan Finfinnee jiru garuu galmeen namoonni DV argatan dhiyeeffatan kan dhugaati taanaan carraa isaanii duraa hin balleessine jedha.

Finfinnee kan jiru Embasii America irraa itti gaafatamtuun kutaa qoonsiilaa embaasichaa Abigeel Rupp Itiyoopiyaa keessaa namoonni haga tokko ragaa kan dhugaa hin taane ykn foorjidii waan dhiyeessaniif jecha qorannee wayita bira geenyu visa dhorkanna jedhan.

Fuudhaa fi heerumaan kan walitti dhufanis hariiroo dhugaa utuu hin taane dhimmuma godaantummaa qofaan kanneen wal barbaadan waan jiraniif haalli akkasiis visa akka hin arganne ni uggura jedhan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG