Chaansilleeriin Jarman Olaaf Shuulz wixata kaleessaa ergaa prezidaantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin wal arganii haasa’anii boodaa prezidaantii Raashaa Bilaadimiir putiin wajjin qibxata har’aa wal arganii haala wal waraansa fi qoqqobii ambisuu irratti dubbachuun isaanii gabaasameera.
Yunaayitid Isteets fi warren ishee waliin dhaabbatan , Raashaan guyyoottan dhihoo keessatti haleellaa misaa’elootaa fi xiyyaaraan degerame taasisuudhaaf qophaa’uu ishee himaa jiraatanus, Hogganaan Jarman garuu erga Prezidaantii Yukireen waliin maryatanii deebi’anii boodaa ammayuu akka karaan banana ta’e jiru dubbataniiru. Hogganaan mootummaa jarman torban darbee Waashingteen Diisiitti argamuudhaa Prezidaant Joo Baayidanii wajjin maryachuun isaanii niyaadatama.
Prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii kaleessaa hasaa vidiyoodhaan dabarsaniin Raashaan biyya isaanii irratii tarkaanfii weereeraa Robii boriitii jalqabdee akka fudhatu dhagahuu isaanii ibsaniiru. Odeeffanichaa akka argachuu danda’an garuu hin ibsene.
Dubbi himaan Minsteera Itisaa biyyaa Raashaa Igoor Konaashenkoov ibsaa guyaa har’aa kennaniin shaakaliin waraanaa baldhinaan biyyatti keessatti taasifamaa jiru akka itti fufe ibsanii, kutaaleen waraanaa Kibbaa fi lixa biyyatti keessatti argaman shaakallii isaanii waan raawataniif garaa mooraatti akka deebi’anii galan beekisisaniiru.
Karaa biraatiin wereerrii Raashaa waan hin ooleedhaa jechuudhaan Yunaayitid Isteets Embaasii ishee isa Keeyiv keessa jiru yeroodhaaf cufuudhaan, gara magaalaa Lviiv isaa daangaa Poolaand ti dhihoo ta’etti dabarsuu ishee dubbi himaan minsteeraa dhimma alaa Yunaayitid Isteets Niid praayis ibsa kennaniin beeksisaniiru.
Yunaayitid Isteets akka Yukireen diinagdee ishee tasgabeesitu kan taasisu gargaarsaa Doolaara Biiliyoonii tokko kennuun ishee gabaasameera.