Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaansilerittiin Jarmanii Hoogganaa Raashiyaa Waliin Wal Argan


Chaansilerittiin Jarmanii Hoogganaa Raashiyaa Waliin Wal Argan
Chaansilerittiin Jarmanii Hoogganaa Raashiyaa Waliin Wal Argan

Prezidaantin Raashiyaa Vladimir Putin filannoo prezidaantummaa US waggaa darbee jidduu biyyi koo hin seenne jechuu dhaan himannaan akkasii hamee bu’aa siyaasaa Ameerikaa keessaaf tolu jechuun haalan.

Himannaa kana haaluun isaanii kan dhaga’ame Chansilerittii Jarmanii Angela Merkel waliin magaalaa Sochitti kan argamu mana isaanii bashannanaatti tuuta oduuf ennaa ibsa kennan ture.

Hariiroon Raashiyaa fi Jarmanii waraana Siiriyaa fi Raashiyaan biyya hollaa ishee Ukraine-n weeraruu irraan kan ka’e laaffatee jira.

Yaadi Putin kennan kan dhaaboliin tika nageenyaa US Raashiyaan e-mail paartii dimokraatotaa dhoksaan saaxilameef itti gaafatamtuu dha jedhaniin faallaa dha. Kunis Republikaanticha Donaald Traampiin ennaa fayyadu mormituu isaanii Hillary Clintoniin miidha jehdamee jira.

Wal ga’ii sana dura Putin akka jedhanitti dhimma Ukraine fi siiriyaa mari’achuuf carraa gaarii dha. Merkel garuu injifannoo guddaa kan hin eegne ta’uu beeksisan.

XS
SM
MD
LG