Chaayinaan Pirezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp yeroo lammaffaa aangoo isaanii eegaluun Ameerikaan waldhabdee osoo hin taane walta’iinsaan hariiroo biyyoota lamaanii bulchuu irratti akka xiyyeeffattu gaafatteetti.
“Chaayinaan mootummaa haaraa Yunaaytid Isteetis waliin ta’uun qunnamtii eeguu, tumsa cimsuu, garaagarummaa sirnaan bulchuu fi Chaayinaa fi Amerikaa hariiroo ka’umsa haaraa irraa guddina guddaa argachuu,”feeti jedhan dubbi himaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa Guo Jiakun ibsa idilee gaazexeessitootaaf idileKibxata darbe Beejiing keessatti kennaniin.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Beejiing sadarkaa jalqabaa pirezidaantummaa Tiraamp marsaa lammaffaa irratti wal-hubannoo dogoggoraa gama lachuu gidduu jiru karaa hirmaannaa fi waljijjiirraan hir’isuuf abdii qabdi.
“Mootummaan Chaayinaa fedhii walii kan biyyoota lamaan gidduu karaa wal qunnamtii wal hubachuu akka danda’an abdii qaba,” jedhan hayyuun hariiroo idil-addunyaa Shaangaay keessa jiraatan Shen Dingli.
Shen Dingli. Sagalee Amerikaaf bilbiaan akka ibsanti, “Beejiing Chaayinaa fi Amerikaan ammallee waliigaltee irra ga’uu fi hubannoo dogoggoraa hedduu yeroo pirezidaantii Tiraamp isa jalqabaa uumame irraa fagaachuu akka danda’an amana”. Kunis yoo gama lachuu tattaaffii hariiroo biyyoota lamaanii tasgabbeessuuf yoo dursa kennan jedhan.
Wiixata dabree Tiraamp kakatanii aangoo qabachuu isaanii dura, Chaayinaa fi gareen Tiraamp Jimaata darbe pirezidaantii haaraa Amerikaa fi pirezidaantii Chaayinaa shii piing gidduutti waamicha taasifame dabalatee waljijjiirraa yaadaa kan sadarkaa olaanaa hedduu gaggeessaniiru.
Tiraamp innii fi shii piing “rakkina hedduu waliin furu” akka jiran ibsanii pirezidaantiin Chaayinaa ammoo hariiroo biyyoota lamaanii to’achuuf furtuun “dantaa ijoo fi yaaddoowwan gurguddoo walii kabajuu fi rakkoo kanaaf furmaata sirrii ta’e argachuudha” jedhan.
Dilbata darbe, itti aanaan prezidaantii Chaayinaa Han Zheng, kan sirna eebba Tiraamp irratti hirmaachuuf Waashingitan, Dii Sii (DC) keessa turan, gita isaanii Ameerikaa Jee Dii Vaans fi garee hoggantoota daldalaa Ameerikaa, hundeessaa Taslaa Elan Maask dabalatee waliin wal arganii jiru.
Forum