Ministriin dhimma alaa Chaayinaa Ennaa daawwannaa isaanii keeniyaatti geggeessan, naannoo sanatti nageenyi akka buufatuuf jilli gaanfa Afriikaa akka ramadamu beeksisan.
Labsiin kun kan dhaga’ame muddee ja’a kamisa har’aa ministeera dhimma alaa Wang Yi biraa ti. Kana kan dubbatan Tplf fi mootummaa muummicha ministeeraa Abiy gidduutti wal waraansa geggeessamu dhaabsisuuf yaalii diplomaasummaa gochaa kan jirtu Keeniyaa ennaa daawwatanitti.