Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Waraanaa Ameerikaa Naannoo Galaana Chaayinaa Kibbaatti Argamuu Chaayinaan Mormite


Chaayinaan dooniin waraanaa US erga isheen odola bakka tarsimoo galaan Chaayinaa kibbaatti argamuutti akkaan kan itti hin gammanne ta’uu ibsitee jirti.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Chaayinaa ibsa baasaniin akka jedhanitti dooniin USS John S McCain jedhamtu seera sadarkaa addunyaa kan Kenya cabsuu dhaan abbaa biyyummaa chaayinaa tuffattee, nagaa fi nageenya angawoota adda waraanaa irra jiranii balaa irra buufte jedhan.

Humni galaanaa Chinaa doonii waraanaa kana adda baafachuu dhaan akka ofi irra deebitu akeekkachiisee ture jedhan dubbi himaan kun.

Angawaan humna waraanaa US immoo doonittiin naannoo galaanattii bishaan sadarkaa addunyaa naanna’uuf qabdutti fayyadamte jedhan. US erga prezidaanti Doonaald Traamp aangoo qabatanii yeroo sadii sochii akkasii geggeessite. Angawoonni US waraanni biyya isaanii bakka seerri sadarkaa addunyaa hayyamu mara keessa sosso’uu itti fufa jedhan. Kan naannoon galaana Chaayinaa kan kooti jettu chaayinaan sochii akkasii ni momriti.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG