Dhibii kun akka ogeeyyotii fayyaa jedhanitti naafa nama caaccabsa, mittaa nama jalaa guuree humna nama dhowwa.
Maqaa Chukunguniyaa jedhu kanallee Tanzaaniyaatti itti baasan.Akka ogeessii dhiba nafa keessaa hospitaala Dil Corraa,Dirree Dawaa, Khaliid Alii jedhetti dhiba kana ji’a 2n duratti,Jijjigaatti argan. Dirree Dawaa ammoo ji'a1n duratti gahe.
Dhibii kun akka Dr., Khaliid jedhetti bookee biinnii fakkaattuun namatti dara.Haga ammaatti Dirree Dawaa keessatti nama kuma 20 caalaatti dhiba kana irratti arganii namii hedduun ya akimatee bahe.
Maqaan dhiba kanaa Chukunguniyaan (Studpid posture) jedhaniin jedha Dr Khaalid. Maan jennaan namii isa qabu hin tittima,gadi gomphoolaa gadi jechaa deema.
Mana akimii ufi keessatti Dr Khaalid nama 150 caalaan wallaane. Namii kun jaarsaa fi jaartii fi kahima.
Milkieeta dhiba Chukunguniyaa qabuu
- Humna dhabuu
- Dhukkubbii miilaa
- Iita mittaa
- Oowwa haga dabraa
- Suukii nafaa(skin rush)
- Hin diddiga ykn haqqisa
- Nyaata jibbisiisa
Ogeeyyotii fayyaa yoo nama milikeeta kana qabu argan
Oowwa nafaa diqqeessan
Bisaan nafa keessaa diqqaachuu dhowwuuf glucoise itti dhaaban
Chukunguniyaa namatti dabruu dhowwuuf
- Saaphanaa siree jala raffisuu
- Waan biinninnii jibbitu nafa dibachuu Kophaatti tajaajiluu
- Bisaan ciisaa qahee ufiitii fageesuu
Taatullee akka Dr Khaalid jedhettti dhiba kana namii duru fayyaa haga guyyaa 4-5 keessatit hin fayya.
Yoo fayyanillee ammoo mittaan duraan nama iitofte daftee hin fayyitu. Mootummaan Itoophiyaa dhiba kana wallaanuuf qorsa itti barbaadaa dhibamaalee gargaaruutti jira.