Xurree ittiin seenan

Breaking News

COVID-19 Afriikaa Keessaa Akkaan Hammaataa Deeme


Faayiilii - Hojjattuu fayyaa talaallii vaayrasii koronaa kennuuf jirtu, Afrikaa Kibbaa, Caamsaa 25, 2021
Faayiilii - Hojjattuu fayyaa talaallii vaayrasii koronaa kennuuf jirtu, Afrikaa Kibbaa, Caamsaa 25, 2021

Afriikaa keessaa lakkoobsi namoota dhukkubsatanii hospitaala seenanii akkaan heddummaataa ennaa adeemee fi ardittiin hanqina oxygen fi siree ishee mudatee jiru kanatti torbanitti kanneen vaayiresii koronaan du’an dhibba irraa harka 43 ga’uun galmeessamee jira.

Adoolessa 11 lakkoobsi namoota du’anii kan torban darbee 4384 irraa, gara 6273tti ol guddate. Torbanneen darban keessa lakkoobsi namoota du’anii dhibba irraa harki 83 Namiibiyaa, Afriikaa kibbaa, Tuniisiyaa, Ugaandaa fi Zimbaabween keessaa ti. Vaayiresiin koronaa torbanneen walitti aanan saddeetiif kan ol ka’e yoo ta’u, Adoolessa 13 bara 2021 namoonni miliyoonni 6 qabamaniiru. Afriikaan baatilee darban keessa namoonni itti dabalaa miliyoonni tokko vaayiresii kanaan qabamuu galmeessitee jirti. Kunis lakkoobsi hagasii yeroo gabaabaa keessatti galmeessame. COVID-19 ardittiin akka kana dura argitee hin beeknetti heddummaataa adeemuu jarmayaan fayyaa addunyaa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG