Xurree ittiin seenan

Breaking News

COVID fi Walitti Bu’iinsi Tokkummaan Mootummootaa Gargaarsa Namoomaa Guddaa Akka Gaafatu Dirqisiise

Griffith akka jedhanitti, addunnyaa irraa uummata miliyoona 45tu balaa beelaaf saaxilamee jira. Dhibba irraa harki tokko qe’ee ofii irraa kan godaane yoo ta’u, dubartoonnii fi durboonni kanneen akkaan dararaman yoo ta’u, siiviloonnis wal waraansa keessatti rakkachuu itti fufaniir
Griffith akka jedhanitti, addunnyaa irraa uummata miliyoona 45tu balaa beelaaf saaxilamee jira. Dhibba irraa harki tokko qe’ee ofii irraa kan godaane yoo ta’u, dubartoonnii fi durboonni kanneen akkaan dararaman yoo ta’u, siiviloonnis wal waraansa keessatti rakkachuu itti fufaniir

Tokkummaan mootummootaa uummata addunyaa miliyoona 183 kanneen rakkoo adda addaa, hiyyummaa, beela, walitti bu’iinsaa fi dhiibbee COVID-19 fideen rakkatan gargaaruuf gargaarsa guddaa kan doolaara biliyoona $41 gaafatee jira. Angawoonni tokkummaa mootummootaa waggaa dhuftu sadarkaa addunyaatti uummanni miliyoonni 274 gargaarsa yeroo hatattamaa kan isaan barbaachisu gta’uu tilmaamanii jiran

Kunis bara 2021 kan jiru dhibba irraa harka 17n dabalee jira.

Qindeessaan dhimma gargaarsa yeroo hatttamaa Maartiin Griffith namoonni gargaarsa akka eeggatan kan taasisan keessaa ijoon, walitti bu’iinsa yeroo dheeraaf ture, sabatiinsi siyaasaa dhabamuu, kufaatii dinagdee, rakkoo jijjiirama qilleensaa fi weerara COVID-19 ti jedhan.

Griffith akka jedhanitti, addunnyaa irraa uummata miliyoona 45tu balaa beelaaf saaxilamee jira. Dhibba irraa harki tokko qe’ee ofii irraa kan godaane yoo ta’u, dubartoonnii fi durboonni kanneen akkaan dararaman yoo ta’u, siiviloonnis wal waraansa keessatti rakkachuu itti fufaniiru jedhan.

Gargaarsi argamu lubbuu oolchus, furmaata ta’uu hin danda’u jedhanii, gargaarsi namoomaa deggersa misoomaa bakka hin bu’u jedhan.

Rakkoo hamaa nuti Itiyooophiyaa keessatti argaa jirru illee, sababaa walitti u’iinsaan bu’aan misoomaa waggoottan 40n darban keessa argaman miidhaan irra ga’uu isaa ti jedhaniiru. Rakkoon biyyattii keessaa akkaan yaaddessaa dha kan jedhan Griffiths, uummanni miliyoonni sagal kanneen Amaaraa, Affaar fi naannoo Tigraay keessaa hanqina nyaataa hamaan rakkataa jiru jedhan.

This item is part of
XS
SM
MD
LG