Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerarri Vaayiresii Koronaa Itiyoopiyaa Keessaa Hammaachuu Ministeerri Eegumsa Fayyaa Beeksise


Doktor Liyaa Taaddesee
Doktor Liyaa Taaddesee

Ministriin eegumsa fayyaa Itiyoopiyaa Dr. Liyaa Taaddesee, torbanneen darban keessa weerarri vaayiresii koronaa haala hamaan dabalaa deeme jedhan. Vaayiresiin kun Itiyoopiyaa keessatti erga argamee qabee lakkoobsi namoota guyyaatti qabaman keessaa inni ol aanaan Sambata darbe galmeeeffamuu isaa kan ibsan ministrittiin, carraan vaayiresii kanaan qabamuuf jiru dhibba irraa yoo baay’ate harka 3 kan ture amma gara dhibba irraa harka 12tti ol guddateera jedhan. Dr. Liyaan kana ilaalchisee Hagayya 18 ibsa kennaniin sambata darbe namoonni 1282 COVID-19n qabamuu isaanii ibsan.

Yeroo ammaa talaalliin COVID-19 hangi tokko guutuu biyyattii kan wal ga’e yoo ta’u, Finfinnee keessaa namni umuriin isaa waggaa 35 ol ta’e jiraataan kam iyyuu talaallii kana fudhachuu akka danda’u Dr. Liyaan ibsaniiru.

Keessumaa ministeerri eegumsa fayyaa akka beeksisetti, namoonni kummi 5 fi 500 torban darbe qabamuun weerarri kun haala hamaan babal’ataa deemuu isaa ti.

Kanneen kutaa namoonni akkaan dhukkubsatan keessa kenneen jiranii fi lakkoobsi namoota du’anii dabalaa adeemu isaa kan ibsan ministrittiin kun Haalli amma Itiyoopiyaa keessa jiru,, weerarri vaayiresichaa marsaa sadaffaaf ka’uu isaa mul’isa jedhan.

Hanga ammaatti namoonni miliyoonni 2 fi kummi 350 talaallii kan fudhatan ta’uu ragaan ministeera eegumsa fayyaa mul’isee jira.

Qajeelfamni weerara vaayiresii koronaa ittisuu fi to’achuuf ba’e guyyoota dura kan fooyyeffame yoo ta’u, qajeelfamni sun wal irraa hiiqiinsa hawaasaa jalqabee maaskii afaanii fi funyaanitti kaayyachuu akkasumas dirqama hedduu adda addaa kan kaa’e yoo ta’u, irra daddarbinaan adabi jiraachuun ibsamus hojii irra oolchuun garuu hagasi akka hin ta’in ibsamuu isaa kenedii Abaatee gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG