Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Baaburaa Jabutiidhaa fi Itiyoophiyaa Gidduu Sababaa Walitti-bu’insaan Cufamee Ture Baname, Jedhame 


Faayilii = Karaa baaburaa Kombolchaa -Jabuutii, Muddee 13, 2020
Faayilii = Karaa baaburaa Kombolchaa -Jabuutii, Muddee 13, 2020

Sanabata duraa darbee magaalaa Garbe’isii ykn Gadaamayiituu keessatii walitti bu’insa ture hordofuudhaan karaan jibutidhaa ka’ee Dawwaleedhaan Derredaawaa deemuu inni cufamee turee amma akka banamee beekameera.

Akka bulchaa itti aanaan zoonii Sitii Obbo Abdii Mohaaaad Radiyoo sagalee Amerikaatti himaniti karaa geejibaa baaburaa banuudhaafis ogeesonii Chaayinaa hadiidini cabuu fi dhiisuu isaa qorachaa jiru.

Akka obbo Abdiin dabalanii jedhanitti wareen karaa cufan waltii bu’insa tibbanaa tasifamee keessatti wareen hirmaatan akka itti gafataman fi reenfii wareen du’ani akka kennamuuf gaafachuuf malee farra misoomaa waan ta’aniif miti jedhaniiru.

Karaa biraatiin sababa waltti bu’insaa tasifamee turee Sanaa namoonii qe’ee isaanii irraa buqqa’anii mooraa waraanaa keessaa qubatanii turaan 690 garaa aanaa Mi’eessootii geessamanii gargaarsii namoomaa taasifamaafii akka jiru itti gaafatamaan dhimma siyaasaa zoonii Sitii Obbo Musxafaan himuu isaanii gabaasaan Raadiyo sagalee Amerikaa Addis Chekol gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG