Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Magalaa Daseerraa Finfinneetti Geessu Cufamuun Rakkinaaf nu Saaxile Jedhu Jiraattonni


Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa
Magaala Dasee, Naannoo Amaaraa

Karaan magaala Dassee irraa kaasee gara Magaala Finfinneetti geesuu sababa nageenyaatiin kan ka’ee waan cufamee jiruuf rakkina hawaasumaaa fi dinageetiif saaxilamuu isaanii jiraattonni sagalee Amerikaatti himaniiru.

Jiraattonni bulchiinsaa godinaa Shawaa kaabaa fi bulchiinsaa adda saba Oromoo cufamuu karaa kanaa ilaalchisee sagalee Amerikaatti akka himanitti, dukubsatootaa mana yaalaatti geesuun, omishaa qonnaan bultootaa gabaatii dhiheesuun waan rakkisaa ta’eef lubbuun namoottanii dhukuubaan darbaa jiraachuu fi qala’insii jireenyaa dabalaa deemuu isaa ibsudhaan komii isaanii dhiheesaniiru.

Akkuma kanaan bulchiinsaa addaa saba Oromoo magaala Sambatee keessatti haadholiin gargaariis fayyaa isaan barbaachisuu Shan waldhaansa gahaa dhabuudhaan kan ka’e daha irratti lubuun isaanii akka darbe buufatin fayyaa magaala Sambatee beeksisuun isaa beekameeraa.

Haaluma wal fakkaatuun, godina Shawaa kaabaa magaala Axaayyee keessatti, mucaan ittu wallansaa gahaa argatee lubuun hafuu danda’u tokko sababa cufiinsa karaa kanaan kan ka’ee mana yaalaa olaanaatti waan geessamuu hin dandeenyeef du’uu isaa hojjatan fayyaa magaalichaa tokko ibsaniiru.

Yemmuu hordooftoonii Amantaa Kiristaanaa fi Musiliimaa soomaa irra jiran kanatti karaan cufamuu isaatiin kan ka’ee midhaan dabalatee wanneen jireenyaaf barbaachisaa ta’an irratti hanqinii muudatee jiraa, gatiins heddu ol ka’ee jira.

Naannoo Amaaraa keessatti labsii yeroo atattamaa hojii irraa jiruun walqabatee ajajjin addaa ykn Komaand Poostiin naannoo sanatti huundaa’ee, tarkaanfii waraannii mootummaa garee hidhatootaa Faannoo Jedhamu irratti fudhachaa jiruun walqabatee akka namoonni nagaan giduutti hin miidhamnef jechaa guraandhala 16 bara 2016 kaasee karaa magaala Dassee irraa gara Shawaa Roobiitti fi magaala magaala Dabrebrihaanitti geesu geejibaaf akka cufamu taasifamuu isaa akka ibse Masfin Arraagee Dassee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG