Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Konkoolaataa fi Baabuuraa Cufamee Jira: Prezidaant Musxafee 


Pirezdaantii Naannoo Somaalee, Musxafaa Muhammad umar 
Pirezdaantii Naannoo Somaalee, Musxafaa Muhammad umar 

Kan daldalaaf akkaan barbaachisaa ta’e fi Finfinnee fi Jabuutii kan wal agarsiisuu daandiin kokolaataa fi haadiidii baabuuraa cufamuu isaa Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalee Musxafaa Muhammad Umar Robii har’a beeksisanii jiru.

Itiyoophiyaan buufata donii waan hin qabneef jecha, gama buufata donii Jabuutiin kan gargaaramtu yoo ta’u, biyya uummata Miliyoona 100 fi Miliyoona 10 qabdu Itiyoophiyaan meeshaalee adda addaa harka caalaa gama Jabuutiin seensiifatti.

Kan cufamee jedhamee kana irratti waajiira mummicha ministeeraa fi aangawoota Jabuutii biraa deebii argahuuf battalumatti dhaqqabuun hin danda’amnee.

Prezidaantiin bulchiinsa naannoo somaalee Musxafaa Muhammad umar akka jedhanti, daandiin konkoolaataas ta’e kan baabuuraa dargaggoota naannoo kanneen haleellaa Sambata dabree gaggeeffamee mormaniin chufame.

Mootummaan Wiixata kaleessaa miliishonni naannoo Affaar haleellaa fi saamiinsa gaggeessuu isaanii, kunis falmii daangaa naannoo Sanaa hammeessee Itiyoophiyaa keessatti muddamas dabalee jria.

Dargaggoota cufan waliin dubbannee bansiisuuf hojjataa jirra jechuun musxafeen dhaamsa barreeffamaa dhaabbata oduu Roytarsiif erganii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG