Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Naannoo Amaaraa fi Tigraay Irraa Uummanni Godaanaa Jira Jedhame


Faayilii - Magaala Daanshaa, Sasaasa 9, 2020
Faayilii - Magaala Daanshaa, Sasaasa 9, 2020

Siviiloota sababaa walitti bu’iinsaa kan ka’e siviiloota manaa fi qe’e ofii irraa godaanan gargaaruuf hojjataa kan jiran ta’u, Godiina Walloo Kibbaa keessatti magaala Waldiyaaf kantiibaa kan ta’an Obbo Mohammad Yaasiin VOAf ibsanii jiru.

Kantibaan kun akka jedhanti, namoonni naannoo daangaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Tigraay irraa godaanuun waldiyaa seenaa jiru.

Siviilonni hangii tokko magaala Waldiyaa keessaa dheessaa akka jiran, kunis oloola sobaa midiyaa hawaasaa irratti dhiyaatu kan walitti bu’iinsii magaala Waldiyaa dhaqqabe jedhu irraa ta’u ibsan.

Kanaafiis uummanni oduu sobaan akka hin gowwomnee gaafatanii yeroo ammaa uummanni deebi’aa akka jiruus ibsan jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG