Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Kibbaa Irraatti Walitibu’insa Umameen Namoonni 3  Du’uun Himame


FAAYILII - Magaala Shakkisoo, Gujii
FAAYILII - Magaala Shakkisoo, Gujii

Naannoo Ityoophiyaa Kibbaa, godina Koree aanaa Gorkaa fi nannoo Oromiyaa godina Gujii Dhihaa, anaalee Soroo Baargudaa fi Galaanaa daangesan irratti qaamoolee hidhatan gidduuti dheengadda ganamaa kaasee lollii taasifamaa jiraachuu isaa jiraattonni ibsanii jiru.

Itti gaafatamaan waajira nageenyaa fi tasgabbii anaa Galaanaa obbo Iyaasuu Ji’oo danngaawwan naannoowan lammanii irratti hidhaatoota horsiisee bultoota ta’an giduutti walitti bu’insa umameen lubbuun nama tokkoo darbee, nammi biraa tokkoo madaa’ee sagalee Amerikaatti himanii jiru. Karaa naannoo kibbaatiin, itti gaafatamaan dhimma nageenyaa fi tasgabbi godina Koree obbo Tafarraa Boondooraa gama isaaniitiin, gandoottan Jaaloo fi Shaafulee keessatti namoonni lama du’anii tokko madaa’uu isaa mirkaneessaniiru.

Waliitti bu’insa kanaan miidhaa namoottan irraa gahee allatis, qabeenyii manca’uu isaa kan ibsan bulchaan godina Koree, rakkinichaa dhaabsisuudhaaf Poolisiin feederaalaa fi raayyaa itti biyyaa amma ammaati akka hin seene ibsanii jiru.Bulchaan aanaa Galaanaa immoo raayyaan ittisa biyyaa dhinyaa irraa qubatee akka jiru himaniiru. Rakkina nageenyaa bakkaawwan kana keessa bubbulee kararaa nagaatiin hiikuudhaaf ji’a Bitootessaa darbe bara 2016 yaalii taasifameen tagabaa’ee turus yeroo ammaa garuu akka haaratti ka’uu isaa gabaasini Yoonaatan Zebdiyoos magaala Hawaasa irraa erge ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG