Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Sudaan fi Itiyoophiyaa Irratti Namoonni Ajjeefaman


Godiina Gondor dhiyaa aanaa Matammaa keessatti ganada Shumat Manduqaa jedhamu keessatti namnii 6 ajjeefamanii kanneen biroo 6 madaa’uu aangawoonni naannoo fi kanneen midhaan irra ga’e ibsanii jiru.Angawoonni nannoo akka jedhanti haleellaa kana hidhattoota leellistootaa kan Sudaanii fi Itiyoophiyaatu geesise.

Hidhattonni kun haleellaa kana kan geesisan sambata dabree halkan yoo ta’u manneen gubuu fi loon gara soddomaa hatuunis ibsamee jira.

Torban darbe Naayiroobii keessatti muummichi Ministeeraa Abiy Ahimadii fi hogganaa sudaan Jeneraal Abdel Fattah Al-Burhaan kallattiin eega dubbatanii booda, waldhabdeen daangaa Ityoophiyaa fi -Sudaan gidduu tasgabbaa’aa jira jechuu isaani hin yaadatama, jedha gabaasni Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa ergite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG