Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Sudaanii fi Itiyoophiyaa Irratti Walitti Bu’iinsa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame: Jiraattota


Map of Ethiopia
Map of Ethiopia

Kibba Gonder magaalaa Gendaa Wuhaa keessa kanneen jiran akka jedhanitti lafa qonnaa sudaan waliin wal daangessu irratti qonnaan bultoota qonnaa irra turan irratti gama Sudaanii dhukaasi itti banamuu fi bakka lolli kun itti ka’e dubbataniiru.

Deleloo lakkoobsa 4 bakka jedhamu irratti. Dachiin sun lafa keenya. Dur qotataa turre. Anumti iyyuu achin qotataa ture. Amma garuu Sudaaniif kenname jedhamee isaanis sanaaf qabsaa’u. namoonni keenya immoo kan keenya jedhu.

Amma garuu sana irra bal’ifatanii dhufanii namoota ajjeesaa jiru. dheengadda dhufanii qonnaan bultoota ajjeesan. Walitti bu’iinsi sunis kan ka’e warren Sudaa dhufanii namoota keenya ajjeesu, mana keenya gubu. Qabeenyaa saamu. Sana booda namni wal waamee adda adda baanee du’uu irra jedhee of irraa ittisuu jalqabe jedhan jiraataan naannoo Metemmaa kun.

Jiraattonni kun akka jedhanitti warri Sudaan qonnaan bultoota ukkaamsanii butuu isaaniin kan ka’e dubbii ka’een humni raayyaa ittisaa gidduu seenee lolli banamuu isaa dubbatu. Raayyaan ittisa biyyaas aarii dhaan lafti keenya hin fudhatamu jechuubn uummata cina hiriire jechuun jiraattonni naannoo Tsioniif ibsaniiru.

Daangaa Sudaanii fi Itiyoophiyaa Irratti Walitti Bu’iinsa Uumameen Lubbuun Namaa Dhabame: Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:28 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG