Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarfuur Dhiyaa keessatti Namoonni Ajjeefaman


Faayilii - Buufata warri qehee ofiirraa buqahan keessa jiran, Sudaan
Faayilii - Buufata warri qehee ofiirraa buqahan keessa jiran, Sudaan

Kutaa Daarfuur dhiyaa kan Sudaan keessatti waliiti bu’iinsa hawaasa giddutti uumameen lakkoofsii namoota ajjeefamanii 87 ga’u fi kanneen mada’an 191 ga’u Tokkummaan Mootummootaa beeksisee jira.

Kuma hedduun magaala walitti bu’iinsii guyyoota hedduuf milishoota Arabaa fi gostii Masaliit giddutti keessatti gaggeefame El Geneinaa gadhiisanii dheessan.Kanneen 3300 ta’an ollaa naannoo sanaatti kan dheessan yoo ta’u kanneen biyya ollaa taate Chaadti dheessan akka jiran dhaabnii gargaarsaa kan Tokkummaa Mootummootaa(OCHA) beeksisee jira.

Ibsii jaarmayaan kun baase akka jedhutti magaalattii keessa hospitaalonni jiran gargaarsa wal’ansa hatattamaa akka barbaachiisu, hanqiinnii ogeessoota fayyaa akka jiru kana malees bishaanii fi ibsaan akkasumas Dawaaleen akka hin jirre hubachisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG