Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daawwannaa Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad Eertraatti Geggeessan


Hoogganoonni Eetraa fi Itiyoophiyaa abbaa biyyummaa biyyoota lamaanii kabajuu dhaan qixxummaa fi haruura gaarii dhaan waliin hojjechuuf mari’atachuu isaanii ministeerii odeeffannoo Eertraa obbo Yemaanee G/Mesqel fuula twiteer isaanii irratti maxxansaniiru.

Daandiin balalii itiyoophiyaa xayyaara isaa dirree Eertraa irra ennaa qubachiisu waggoota 20 keessatti kan jalqabaa hoogganoonni biyyoota lamaaniis sadarkaa ol aanaatti ennaa wal argan kun isa duraa ti.

Angawoonni Eertraa fi Asmaraa yeroo dhumaaf kan wal argan kan du’aan boqotan muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Mallas Zeenaawii fi prezidaantiin Eertraa Isaayyaas Afeworqii walii galtee Aljers mallatteessuuf waggaa 18 dura Alers irratti ture.

Amma biyyoonni lamaan seenaa waraanaa duubatti dhiisanii walii galtee uummachuu dhaan buufta doonii waliin itti fayyadamuuf turizimii fi hojiiwwan ka biroo waliin hojjechuu akka barbaadan muummichi ministeeraa Abiy Ahimad afeerraa irbaataa mana mootummaa Eertraa keessatti kaleessa galgala ta’eef irratti dubbataniiru.

Muummichi minsteerichaa haasaa dhageessisaniin afeerraa irbaataa godhameef uummati Eertraa jaalala nutti agarsiisaniif kabajaa guddaa onnee guutuu dhaan galateeffachuun barbaada jedhan.

Daawwannaa Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimad Eertraatti Geggeessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:35 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG