Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Darbaan Baatii Tokko Dura Jandoo Roobaan Mancaate Ammas Jandoo Biraatu Itti Deebi’e  


Darbaan keessatti rooba guddaa buuse booda lagni manneen edduu yeroo yaa'u, Afrikaa Kibbaa, Caamsaa 22, 2022.
Darbaan keessatti rooba guddaa buuse booda lagni manneen edduu yeroo yaa'u, Afrikaa Kibbaa, Caamsaa 22, 2022.

Magaalaa Darbaan kan Afrikaa keessatti namootni jandoo roobaa seenaa keessatti isa hamaa taheen baatii dabre haleelamanii, otuu miidhaa isaa irraa hin dandamatiin dhuma torban dabree irra jandoo roobaa ka biraatiin haleelaman.

Lindaa Givtaash, magaalaa Darban irraa akka gabaastetti, haleellaa jandoo hamaa baatii tokko dura magaalattii rukkuteen namoonni manaa fi qabeenyaa malee alatti hafan gara kuma toorbaa tahan. Garuu, roobni ulfaataanii fi lolaan cimaan magaalattii handaara galaanaa kana haleelee manneen mancaasee, gaaddisa yeroof namoonni keessa dahataniillee waan miidheef lakkoobsichi dabalaa jira.

Aangawoonni Kiwaazuuluu Naataal akka jedhanitti yoo xiqqaate namoota 250 tu balaa dhiheenyaa kanaan gaaddisa byeroof keessa jiraatan keessaa akka bahan taasisame.

Aangawoonni Afrikaa Kibbaa, magaalattii mancaate qulqulleessuu fi manneen manca’an deebisanii ijaaruuf doolaa Miliyoona 63 ramaduu isaanii beeksisan. Namoonni manneen isaanii dhaban garuu, yoo akka gara mana dhaabbatan keessa jiraatanitti geessaman waan itti himame akka hin jirre dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG