Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deemsa Barnootaa Keesstti Murtii Kennuu Kan Qabu Hayyoota moo Uummata ?


Barattoota oromoo
Barattoota oromoo

Oromiyaa keessatti barnooti Afaan ofiin haga kutaa meeqaatti kennamuu akka qabu uummatatu murtii kenne, kan jedhan Biroo barnoota Oromiyatti,gaggeessaa deemsa hojii, odeefanno fi qunnamtii uummataa, Obbo Kaasaahuun Degefuu, inumaayyuu yeroo ammaa immo uummanni hanga kutaa kudhaniitti gutummaan Afaan Oromoon akka barsiifnuuf nu gaafataa jira, jedhan. Baratoota waggaa afuriif gutummaa barnootaa Afaan Ingliziin barataa turanii fi kanneen wagga lama qofaaf afaan kanaan baratan, qormaata biyoleessaa wal fakkaataa ykn tokkoof tessisuun rakkoo hin qabu, ka jedhan Obbo Kaasaahuun, yaada isaa duraanuu Afaan ofiin waan qabaniif rakkoo hin uumu jedhu.

Dandeettii walii-galaa barsisootaa keessattu ka barsiisota Afaan Ingliziin barsisanii daran jajjabeessuuf irratti hojjatamaa akka jirutti ibsan.Ta’uus garu, jedhu Obbo Kaasaahuun, hanqinni jira isa jedhu hin fudhannu, dandeettiin baratoota keenyaa hanga yaadamee ga’uu hin dandeenye jechu wayya, hanqina jechuun qabxii karoorfameen gad argachu dha jechuun falman.

Gama biraan immoo barattoota manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessaa qabnuu walakkaa miliyoona ta’an Afaan ingliziin jajjabeessanii barsisuuf humnaa fi dandeetti biyyi guddataa jirtu tokko qabduun baayyee rakkisaa dha, jedhan Obbo Kaasaahun. Baratonni Oromoo Afaan hojii mootummaaa Federaalaa sirriitti waan hin beekneef, Afaan Oromoo akka Afaan hojii Federaalaa lammaffaatti fudhachuun hin gargaaru? isa jedhuuf innis irratti hojjatamaa jira, ammaaf garuu yeroon isaa hin geenye jedhan.

Waluumaa gala qulqullinni barnootaa foyyaa’uu qaba, yaadni jedhu kun Oromiyaa keessatti qofa otoo hin taanee, gutummaa biyyatti keessattis, ajandaa iddoo duraa qabatee jitu ta’uu ibsanii jiru. Guutummaa gaaffi fi deebii kanaa MP3 kutaa kutaan tuqudhaan dhaggeefadhaa. Imaammanni barnootaa kun jalqabaf yeroo hojii irra oole ministeera barnootaa Itiyoophiyaa kan turan Obbo Ibsaa Guutamaa maal jedhu? Roobii dhiyeessina.



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG