Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deemsa Qorannaa Traamp Keessa Hin Seennu: Waayit Haawuus


Masaraan waayit Haawus deemsa seeraan alaa kan ittiin jedhe waa’ee prezidaant Traamp aangoo irraa buqqisuuf qorannaa gaggeessuu keessa kan hin seenne ta’u beeksisee jira.

Abukaatoon waayit Haawus xalayaa fuula 8 qabu hoggana Demokraatoota mana marii bakka bu’ootaa keessa jiraniif akkasumas afaan yaa’ii mana maree Nancy Pelosiitti ergan.

Kanneen kun prezidaant Traamp seera cabsuu fi dhisuu isaanii Qorataa kan jiran yoo ta’u kunis prezidaant Traamp giti isaanii kan Yukreen waa’ee Joo Baayden akka qoratan gaafatan kan jedhu ture.

Demokraatonni deemsa bu’uraa fi dirqama heeraa cabsan jechuun abukaatoon waayit Hawuus himatamnii jiru.

Kunis Traamp namoota ragaa ta’aniif carraa gaaffii gaaffii dhiyeessuu dhorkuun akkasumas/ raga ittiin aangoo irraa kaasuuf itti gargaaraman arguu dhorkan jedhan Abukaatoon.

Kun hunduu mirga heeraa fi seeraan kenname cabsa jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG