Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggersi Uummati Traampiif Qabu Gad Xiqqaachuun Paartii Isaanii Yaaddesse


Filannoon walakkeessa marsaa baatii Sadaasaa keessa dhiyaataa ennaa dhufe kanatti gareen Ripaablikaanotaa deggersa uummataa prezidaant Doonaald Traamp qaban kan yeroo ammaa dhibba irraa harka 42 ta’e, itti dhiyeenyaan hordofaa jiran.

Xiinxala haaraa lama geggeessameen Traamp deggersa uummataa dhibb irraa harka 40moota keessa yoo argatan dhibba irraa harki 52 akkaataa hojii isaanii fudhatama dhabsiisaniiru.

Seenaa dhumaan paartiin prezidaantii yoo deggersi prezidaantichaa dhibba irraa harka 50 gad ta’e filannoo walakkeessa marsaa ni injifatama. Gallup kan jedhamu dhaabi yaada uummataa walitti qabu torban darbe deggersi uummataa prezidaant Traamp argatan dhibba irraa harka 39.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG