Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon Senetii Amerikaa paartiin Demokiraati kalee godina Alabaamaa keessatti moote mootummaa Tiraampitti lafa chochoofte


Dorgomaa paartii Demokriaati Doug Jones fi niitii Louise-tti dorgommii Senetii Alabaamaa moohannana akkana gammachuun harka raasa..Muddee 12, 2017, Birmingham, Ala.

Alabaamaan godina Amerikaa 50n keessaa tokko.Godina qabsoon bilisummaa Amerikaa itti jalqabde beekamti.

Karaan guddaan mana amantii Kiristaana Baptisti magaalaa Birmingham jala bahu ka amma muuziyeemii tahe bara 1960 keessa waajjira qabsoo Martin Luther King fa’a.

Godina kana haga guddaan paartii Rippaabilikaan faatti bulchaa bahe.Akka tun harkaa hin baane ammoo paartiin Rippaabilikaan faatii kalee woma hedduun falatan.

Taatullee eda galgala akka warrii fedhu hin taaneef.Miilota pirezidaanti Tiraampi fa ammoo eda galgala lafatti itti chocho’e.

Hujii tana nama lamatti irratti wal dorgome.Roy Moore(abbaa seeraa mana murtii walii galaa godina Alabaamaa ka durii) fi Doug Jones(abbaa alangaa addaa godina Alabaamaa ka durii)ti.

Alabaamaa keessaa senetera tahanii filamuun siyaasaa Amerikaa waan hedudun jijjiira.Filannoo tana irratti pirezidaantii Obaamaan akka ummatii bahee Jones filatu gaafate. “Tun waan itti callisanii miti,” jedhe.

Pirezidaanti Tiraampi ammoo akka Moore filatan ummata kadhate.”Bahaa Moore filadhaa.”

Fulaa amma irratti wal dorgoman tana Jeff Sessions, ka amma abbaa alangaa addaa Amerikaa tahetti keessaa oli guddate.

Moore,namichii paartiin Rippaabilikaan dorgommii tanaaf dhiyeeffatte nama waan hedduun himatan.

Roy Moore Muddee 12,2017 Montgomery, Alabama.
Roy Moore Muddee 12,2017 Montgomery, Alabama.

Gaafa gannii isaa 30 intala dubraa ganna 14 waliin rafuuf kadhatee fi walumattu nadheen torba taatutti Moore itti gaafatama mootummaa ka qabuu jedhee akka isa waliin rafan gaafate jedhanii himatan.Namii akkanaa biyya bulchuu hin dandahu jedhanii akka qoratan gaafachaa bahan.

Tanuma keessaa pirezidaanti Tiraampi akka ummatii bahee isa filatu ummata gaafate.Kun ammoo Tiraampii fi bulchiisa isaatuu maqaa hamaa tahe.

“Nama ijoolleen qahee baqattu akkamitti biyya bulcha?” jedhaniin.Woma taateefuu paartiin filannoo kalee ta akkasii keessatti Jones moo’e.

"Maruma martee dorgommiin tun ulfinnaa fi kabajatti deebiti.Maruma martee filannoon tun olnaatummaa seeraatiif dorgoman.Akka namii Alabaamaa cutii Alabaamaa keessaa qooda qabaatu tolchuuf,” jedhe moo’atee jennaan.

Jones harka 49-9 argatee moo’e.Ammajii dhuftu hujii jalqaba.Akkana jechuun barcuma Senetii Amerikaa haga guddaan harka paartii Rippaabilikaan hin jiraatu.

Akka kanaan Rippaabilikaan Senetii Aemrikaa keessaa nama 51 Demokiraati ammoo nama 49 qabaatti.

Akkana jechuun paartiin Tiraampi faati akkuma durii kaan akka feete seera guddaa ufumatti hin buufatattu.

Demokiraati Senetii Alabaamaa moo’uun ammoo bulchiinsa pirezidaanti Tiraampitti lafa gara galche.Jonesii fi paartii Demokiraati faatii ammoo “hujiin guddoon kunoo amma jalqabde,” jedhan

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG