Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hilarii Kilintonii fi Senator Bernii Sandersi TV irratti bahanii waan egerii ummataa hojjatanii fi waan waliin caalan irratti wal falman


Dorgomtota Demokiraatik,Hilarii Kilintonii fi Bernii Sandersi,Ebla14, 2016.
Dorgomtota Demokiraatik,Hilarii Kilintonii fi Bernii Sandersi,Ebla14, 2016.

Amerikaan nama pirezdaanti Obaamaa fulaa bu’ee isii bulchu keessaa filachumatti jirti.

Hilarii Kilinton,minsiteri haajaa alaa Amerikaa ta durii fi bulchaan godina Vermont ka durii,Senator Bernii Saandersi, jara lama lamaan paartii Demokiraatik keessaa pirezdaantii US tahuuf walti hafe.

Jarii lachuu eda TV irratti bahee Brooklyn, magaalaa New York keessatti waan yoo filame biyyaa hojjatu,jabeennaa fi laafinna isaaniin himan irratti wal falme.

Tana maleellee karaa egerii biyyaan guddisan,karaa ummataan gargaaran, karaa biyyaa nagaa eegan,akka ummata hujii argachiisanii,rakkoo jijjiiramii qilleensaa fi deefii fala arguuf dandahanii fi waan hedduu irratti wal falman.

Isanii kana lamaan keessaa eennutit silaa pirezdaanti tahuu malee gaafannaan;

“Hilariin hujii tana hinuma dandeettii taatullee akka isiin wa murti irratti shakii guddoo qabaa.Akka Iraaqi lolan warra eeyee jedhe keessaa tokko isii.Yoo filannoo dorgomtullee horii guddaa baankilee irraa fudahtte,”jedha Sandersi.

Hilaariin ammoo ammoo,“akka ani hujii tana danda’u beekaaf ummatii New York marroo lama na filatee,pirezidaanti Obaamaalleen ministira haajaa alaa Amerikaatii na filatee,”jettee Hilaariin.

Filannoon pirezdaatummaa Amerikaa dhiyaachaa dhufuutti jirtii amma nama shanitti walti hafe.

Demokiraati keessaa nama lama Rippabilikaan keessaa ammoo nama sadii, Doonaldi Tiraampi, bulchaa Teksas ka durii Senator Teed Kiruuzii fi bulchaa kutaa O'haayoo ka durii,Joon Kaasich.

Jara dorgommiitti jiru keessaa Rippaabilikaan keessaa Tiraampitti harka guddaan dura jira,paartii Demokiraatik keessaa ammoo Hilariitti haga guddaan dura jira.

Filannoon US akka biyyoolessaatti Sadaasaa 8,2016 jalqabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG