Koreen fannoo diimaa adduunyaa ji’a Fulbaanaa darbee as yeroo jalqabaatiif gargaarsaa fayyaa atattamaan barbaachisan Roobii har’aa xiyyaaraan maqaleetti geessu isaa beeksiseera.
Gargaarsi qorchaa fi wanneen eegumssa fayyaatiif barbaachisaa ta’an kun kan maqalee akka galuu taasifamee gargaarsa haanga’otaatiin akka ta’e kan ibsee, koreen fannoo diimaa, gargaarsichii hospitaalota fi buufataalee fayyaa adda addaatti akka atattamaan raabsamu eereera.
Jila koree fannoo diimaa adduunyaa kan Itiyoophiyaa kan ta’an Appooloo Baraasa gargaarsii amma taasifamee kun lubbuu namoottan kumaatamatti lakkawamanuu kan baraaru akka ta’e ibsanii gargaarsii barbaachisaa ta’e kun akka itti fufu himaniru.
Gargaarissi xiyyaaraan fe’amaa jiru kun guyyoottani fi torban dufan keessaa akka itti fufu kan ibse koreen fannoo diimaa, akkaataa haalii nageenyaa eeyyameen karaa lafaas akka itti fufu himee , gargaarsii dhaabatichaa Naannoo Amaaraa fi Affaar keessatis akka itti fufu beeksiseera.
Hojjattoonii fayyaa kaabaa Itiyoophiyaa keessa jiran haalaa rakkisaa ta’e keessaa fedhii namootaa guutuudhaaf tattaafachaa akka jiran kan ibsan Obbo Baraasan gareewwan wal loliinsa keessa jiran hunduu gargaarsaa namoomaatiif akka haalaa mijeesan gaafachuu isaanii ibsii koree fannoo diimaa adduunyaa irraa bahe beekisiseera.