Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalattoonni Tigiryaay fi Namoonni Miidiyaa Finfinnee Keessatti "ABUT Wajjin Hidhata Qabu" Jedhamuun Hidhamuun Himame


Faayilii - Maagaala Finfinnee halaalaa
Faayilii - Maagaala Finfinnee halaalaa

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay waliin hidhata qabu kanneen jedhaman dhalattonni bulchiinsa naannoo Tigraay fi namoonni Miidiyaa kanneen magaala Fnfinnee keessa jiraatan hidhamuun ibsamee jira.

Dhalattoonni Tigiryaay fi Namoonni Miidiyaa Finfinnee Keessatti "ABUT Wajjin Hidhata Qabu" Jedhamuun Hidhamuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:06 0:00

Dhalattoota bulchiinsa Tigraay keessaa tokko ta’u isaa kan ibsee dargaggeessii Finfinnee keessa jiraatuu tokko RSAf akka ibseetti, Sambata darbee poliisoota uuffata sivilii uffataniin qabamee eega hidhamee booda, aduun yeroo dhiyuu gadhiifamuu ibsee jira.

Dargaggeessii eenyummaan isaa akka hin ibsamnee gaafatee kun akka jedhutti, isaa fi hiriyyonni isaa polisiin kan qabaman kan mootummaan shoroorkeessaa dha jedhee ramadee TPLF waliin hariiroo qabdu jedhamuun shakkamanii akka ta’e ibsee jira.Guyyaa har’as hidhaanitti fufee akka jiru dubbate.

Odeeffannoo wal qabateen Gaazexxessonni hidhamuu komishiniin mirga dhala namaa Itiyoophiyaa fi gareen mirga Gaazexxesootaaf falmuu Sii Pii Jeen gabaasuun ni beekama.

Gaazexxeessonni hidhaman jedhaman kun Awuloo Midiyaa fi Itiyoo Foramiif kan hojjatan yoo ta’u kanneen Awuloo Midiyaa irraa hidhamanii fi waahiloonni isaanii kan hojii kanneen biroon erga hidhamanii torban tokko kan guutee ta’uus mana murtiittihin dhiyaanne jedhu maatiin isaanii dubbatanii jiru.

VOAn Polisii Fedeeraalaa biraa odeeffannoo argachuuf yaaliin irra deddebi’ee godhe yeroof hin milkoofne.Ta’uus garu itti aantuun kantiibaa magaala Finfinnee aaddee Adaanach Abeebee dhimmi kana tokko tokkoon kaasuu baatan iyyu Finfinnee keessa ta’anii kanneen akkajecha isaanti shoroorkeessaa ittin jedhan TPLF f kanneen deggeran jiraachuu ibsuun qaamoota akkasii itti gaafatamtoota gochuun barbaachisaa ta’uu kaleessa, jedha gabaasaan VOA Finfinnee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG