Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalattoonni Tigraay Kanneen Naannoo Addunyaa Hiriira Geggeessan


Kan biyyootii adda addaa keessa jiraatan dhalattoonni Tigraayii fi deggertoonni isaanii guyyaa kaleessaa gaaffilee adda addaa dhiyeessuu dhaan mormii isaanii dhageessisuun beekamee jira.
Kan biyyootii adda addaa keessa jiraatan dhalattoonni Tigraayii fi deggertoonni isaanii guyyaa kaleessaa gaaffilee adda addaa dhiyeessuu dhaan mormii isaanii dhageessisuun beekamee jira.

Embaasileen Turkii fi waajjiraaleen NATO magaalaalee keessa jiran kutaalee Yunaayitid Isteetis 15 akkasumas Kanaadaa, Awrooppaa, Israa’el fi Awstiraaliyaa keessaa hiriira wal fakkaatu geggeessanii jiran.

Akeeki hiriira sanaa hawaasi addunyaa fi sabaa himaaleen uummata Tigraay cina waan hiriiraniif badiin namoomaa dhaqqabuuf ture hambisuu isaanii galateeffachuu, mootummaan Turkiin immoo Itiyoopiyaaf xayyaara nam maleeyyii akka hin kennine, gargaarsi namoomaa rakkoo malee gara naannoo Tigraay akka seenu, akkasumas humnoonni naannoo Amaaraa fi loltoonni Eertiraa naannoo Tigraay keessaa akka ba’an, naannoo Tigraayiif tajaajilli baankii, bilbilaa, elektriksitii, bishaanii fi tajaajjilli eegumsa fayyaa akka jalaqabamu akkasumas dararaan naannoo Tigray keessatti raawwatame garee walabaa kan sadarkaa addunyaan akka qulqulleffamuu fi walii galteen dhukaasa dhaabinsaa marii irratti hundaa’e akka tolfamu gaafachuuf hiriira kana geggeessuu isaanii barreeffamni isaan qopheessan ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG