Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Dhalootii Ammaa Waan Keessaa Dabree Fi Itti Deemu Beekuu Qofaa Mitii,Dhaloota itti Hirkatanillee Tahuu Qaba'


Afrikaa fi Awurooppaan biyya jireennaa fi waan hedduun gargar fagaatan.Taatullee Afrikaa fi namii isiilleen akkuma bara kuma hedduun duratti beekan keessa hin jirtu.

Namii Afrikaa irraa fagoo jiru hagii tokkoo Afrikaa biyya dukkanooftuu,dhukkuba,beelaa fi wannii hedduun oolmaa fi bultii dhoorte qofa seha.Maqaa akkanaa kana ammoo abbaatti ufii dida.

Ogeeyyotii Afrikaalleen warra durii nu garboomfatetti dinageetii fi waan akka akkaatiin nu hiyyoomse maqaa hamaan nu yaaman jedhan.

Akka barsiisaan Yuniversity Bulee-Horaa,Guyyoo Dooyyoo kitaaba dhiyoo baase "The Quest for Re-grounding African Philosophy Between The Two Camps," ka herrega mataa namaa ykn Falaasamaa Afrikaa fi Awurooppaa wal irraa fagaate walti fiduuf jedhee barreesse keessatti jedhetti,falaasama keessa aadaa, seenaa, amantii,dinagdee,hawaasummaa fi waan hedduutti jira.

Ummatii,sabii tokkoo du’uun duratti duraan philosophy isaatti du’a,…dudda duubatti ummatti du’a.”

Tanaafuu addunyaa tana karaatti deebisuuf dhallotii amma jiru akka Guyyootti,”bilisummaa yaadaa qabaachuu qabu tahuu qaba.Yoo ufii banne ya baddan jechuu hin malle,yaadaa mataa dhalootaa itti daangessuu hin malle.”

Barreessitoota Awurooppaa bara hedduun duratti waan Afrikaa maqaa hamaan barreesssanitti hardhallee faana Afrikaa jira jedhan.

Akka obboo Guyyootti warruma Afrikaa duubatti hambisetti Afrikaa duubatti haftan jedha maqaa nurra kaahanitti gadaannisa nutti tahee asiin nu gahee jedha.

Namii Afrikaa maqaa hamaa kana irra kaahe nama Germany beekamaa,Imanu’el Kaanti,namii kun akka obbo Guyyootti Germanuma taahee maqaa Afrikaa irra kaaha.Tanaafuu,”dhalootii Amma nama abdatan,ka waan keessa dabre,ka itti deemu hubatuu fi ka ufi dandahee hujii isaatii fi jeccha isaatti abdatan tahuu,"male.

Mee waan barsiisaa Guyyoo Dooyyaa gaafanne MP3 tana irraa caqasaa.Adoo tana jennuu Kitaabii isaalleen amazon.com irraa fi waan hedduu irra jira.

XS
SM
MD
LG