Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walwaansii Xumuramee Rakkoon Keenyas Dhaabata Abdii Jedhu Qabna:Buqqaatoota Afaar Keessaa


FAAYILII - Namoota magaala Samaraa hoteela Agida fundura tataa'an, Guraandhala 14, 2022.
FAAYILII - Namoota magaala Samaraa hoteela Agida fundura tataa'an, Guraandhala 14, 2022.

Humnootii Fedeeraa kan Itiyoophiyaa fi humnootii Tigraay giddutti baatii Sadaasa bara 2020 kaasee wal waraansii gaggeeffame, uummata miliyoona 2 caalaa manaa fi qe’e irraa godaansisuu gabaasnii Tokkummaan Mootummootaa hubachisee jira.

Waggaa kana wal waraansii kun gara bulchiinsa naannoo Afaariitti kan jijjiramee yoo ta’u lammiwwan Itiyoophiyaa fi baqattoota Ertraa gara Itiyoophiyaatti dheessanii turan manaa fi jireenya isaanii irraa buqqisee jira. Kana keessattis maatiin karaa adda addaa ba’u isaaniin wal jalaa badan akka jiran ibsamee jira.

Dhaaba baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa( UNHCR) irraa Astrid katelene akka jedhanti haallii nageenyaa iddoo kanaa keessumaa naannoo daanraa Tigraay fi Afaar irratti akkaan kan jijjiramaa deemuu dha.Kunis baatii Guraandhalaa keessa baqattonni 20,600 akka godaanan taasisee.Garu uummanni 300,000 Afaar keessaa jiraataa turees buqqa’anii jiru.

Gargaarasa seensisuuf waliigalteen dhiyeenya tolfamee gargaarsii namoota barbaadaniif dhaqqabsisuuf abdii horee jira.Sana bira dabrees Afaar keessa wal waraansii akka jiru torban dabree gabaafamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG