Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Iraaq Irratti Yeroon Fuula Biraatti Cehan Ni gahe jedhu President Obaman


Duulli 'Bilisummaa Iraaq' dhumatee jira. Jarreen Iraaq amma itti-gaafatama nageenya biyya isaa eeggachuu ofii hoogganataa jiran

Eega waraanni Yunaayitid Isteets Iraaqiin weeraree waggoota toorbaa fi walakkaa dhaa booda prezidaant Obaamaan loltoota san galatoomsatanii, yeroon tajaajila isaanii Iraaq keessaa xumuramuu labsan.
Eega taayitaa Prezidaantummaa qabatanii as ibsa lammaffaa waajira isaanii keessatti kennan kanaa, lola waraanni Ameerikaa Iraaq keessatti geggeesse fi amma biyyattii keessaa bahuu isaa akka injifannootti hin labsine. Akka dirqama isaanii bahanii fi boqonnaa haaraa ka biraatti cehaa jiran dubbatan.

Loltoonni Ameerikaa kuma shantama tahan, amma illee Iraaq keessatti hafanii jiru. Achii bahinsi loltoota Ameerikaa ka xumuramu dhuma bara kuma lamaa kudha-tokkoo irratti. Akka Prezidaant Obaamaan jedhitti, dirqamni loltoota Ameerikaa inni haaraan humnoota naga-eegumsaa Iraaq gorsuu fi gargaaruu, humnoota farra-shororkeessotaa wajjiin wal-gargaaruun hojjechuu fi nagaa uummataa tiksuu dha.

Iraaqiin gargaaruun akka itti-fufu dubbatan iyyuu, humnoonni Yunaayitid Isteets hagi tokko, Iraaq irraa bakka waraansi Taalibaanii fi Al-qaa'idaa waliin geggeessamu waggaa kurnaffaa itti-qabatee jiru, gara Afgaanistaanitti ka dabarsamaa jiran tahuu eeran. Deemsi bayyanachiisa dinagdee Ameerikaa yeroo boodatti harkifataa jiru kanatti prezidaantichi yaada isaanii gara dinagdeetti deebisuudhaan, “Tarkaanfiin Ameerikaa inni hatattamaa carraalee hojii miliyoona hedduu biyyattii keessaa dhabaman deebisuu dha.” jedhan.

Waa'een Yunaayitid Isteets waraana ishee Iraqitti bobbaasuu jalqaba irraa kaasee haga har’aatti Ameerikaa keessattis tahe Ameerikaa dhaa alatti dhimma hedduu wal-falmsiisaa akka tahetti jira. Tarkaanfii amma prezidaant Obaamaan fudhatan kana irratti yaada isaanii nuuf ibsan, asYuunaayitid Isteets ka jiru Joorgiyaa Isteet Yuniversitiitti proofeesara barnoota eenaa ka tahan Dr.Mohaammed Hasan haasofsiisnee jirra.

As fuula irraa gama harka mirgaa ka MP3 tuqaa, gabaasaa haasawa prezidaantichaa fi gaaffii fi deebii Dr. Mohammed waliin geggeessame dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG