Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dho’iinsi Gaanaa Keessatti Muudate Lubbuu Hedduu Galaafate


Gaanaa gama dhiyaa magaalaa Apiyaatee keessatti kaleessa dho’iinsa guddaa dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni17 yoo du’an kanneen 59 biroo irra miidhaan irra ga’ee jira, Amajjii 21, 2022.
Gaanaa gama dhiyaa magaalaa Apiyaatee keessatti kaleessa dho’iinsa guddaa dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni17 yoo du’an kanneen 59 biroo irra miidhaan irra ga’ee jira, Amajjii 21, 2022.

Dho’iinsi biyyattii dhiya Afriikaa irra ga’e kun, konkolaataa fe’umsaa kampanii albuudaaf dhuka’aa deddeebisu, mootorsaayikilii tokkoo fi konkolaataa sadaffaan walitti bu’uun balaa uumameen yoo ta’u, balaan sun transfoormerii elektirikii cinatti raawwate.

Dho’iinsa sana booda ibidda qabatee fi aarri gurraachi samiitti ol ka’uun jiraattonni sodaa dhaan bakka amansiisaa ta’etti akka dheessan dirqisiisee jira. Hojjettoonni ittisa ibidaa fi lubbuu baraarsaa, namoota balaa sana irraa hafan barbaaduu fi reeffa baasuuf hatattamaan naannoo sana dhaqqabaniiru.

Prezidaantiin Gaanaa Naanaa Akuufoo Addoo ergaa twitter barreessniin akka jedhanitti, “Kun dhugumatti taatee gaddisiisaa dha. Kanaaf maqaa mootummaan gadda guddaa natti dhaga’ame ibsaa, hojjettoota maraafis gadda koo onnee irraa madde ibsuun barbaada akkasumas maqaa mootummaan maatiiwwan namoonni duraa’ du’aniif gadda koo guddaan ibsa” jedhan.

Apiyaateen magaalaa galma mootummaa Akiraa irraa fageenya km 300 irratti kan argamu magaalaa Bogoosoo cinatti argamtti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG