Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhoohinsa Moqaadishootti raawwateen namoonni Shan Du’aniiru


 Dhoohinsa Moqaadishootti raawwateen namoonni Shan Du’an
Dhoohinsa Moqaadishootti raawwateen namoonni Shan Du’an

Roobii har’aa gaanamaa haleellaa boombii moqaadishoo keessatti raawwatameen namoonni shan du’anii hedduun madaa’uun isaanii gabaasameera.

Haleellaan garee hidhatootaa Al Shabaabiin rawwatame kun buufataa poolisii fi karraalee bakkeewan jireenyaa lama irratti akka ta’e dubbi himaan poolisii Somaaliyaa Koloneel Abdifatah Aden Hasan ibsaniiru.

Jiraataan eenyumaa isaa akka hin beekamne gaafate tokko yemmuu oduu gabaastotatti himu, > jechuun isaa gabaasameeraa.

Gandaawwan dhoohinsichii irratii xiyyeefatee bakka jireenyaa haaraadhalttoonii biyyatti biyoottan alla keessa turanniin ijaaramee akka ta’e kan himan koloneel Aden, dhohinsichii kan raawwate konkola’atota lama irraa akka ta’e ibsaniiru.

Haleelichii kan xiyyeeffatee poolisootaa irratti akka ta’e kan fuulaa tiwuutarii isaanii irratti barreesan ministeerri Nageenyaa biyya keessa Somaliyaa Abdulaahii Mohaamed Nuur , umnoonni nageenyaa mootummaa isaanii warren haleellicha raawwatan moo’uu isaanii ibsaniiru.

Sagalee Al Shabaab akka ta’e kan beekamuu Raadiyoon Andaalus jedhamu akka jedhetti hidhattoonii buufataalee adda addaa irraatti haleellaa raawwatan Kannan konkola’atotaa umna waraanaatiif meeshaalee waraanaa adda addaa booji’uu isaanii ibseera.

Dhimma somaaliyaa irratti bakka bu’aa addaa barreessaa muummee mootummootaa gamtoomanii kan ta’an Jems Swaan qibxata keleessaa mana maree nageenyaa kan mootummoota gamtoomanii irratti hidhatoonni Al Shaabaab kutaa biyyaa Somaliyaa Banaadiir keessatti rakkinaa nageenyaa cimaa akka uumaa jiran ibsanii ji’oottan dhiheenyaa kanaa keessatti bakkeewan adda addaatti balaa dhoohinsaa geesisuudhaan siviilota irratti miidhaa akka qaqqabsiisaa jiru dubbachiin isaanii gabaasameeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG