Magaalaa Finfinnee keessatti dhukaasa kaleessa Sadaasa 29 bara 2017 dhaga’amee ilaalchisee mootummaan odeeffannoo ifa ta’e akka kennuuf Izemaan gaafatee jira.
Polisiin Magaalaa Finfinnee keessatti dhukaasa kaleessa Sadaasa 29 bara 2017 magaalittii keessatti dhaga’ame gara leenjii haaromsaatti imalaa kan turan miseensoota garee adda bilisummaa oromoo duraaniin ture jedhe naasuu fi jeequumsa uumameef dhiifama gaafatee jira
Dhukaasa dhaga’amee ilaalchisee mootummaan odeeffannoo ifa ta’e akka kennuuf Izemaan gaafatee jira. Kanaaf mootummaaan dhimma kana qulaulleesuun odeeffanno isa ta’e uummataan akka ga’u akkasumas olaantummaa seeraas akka kabajsisuuf paartiin kun gaafatee jira.
Kana malees mootummaaa naannoo Oromiyaa fi garee waraana Bilisummaa Oromoo giddutti qabiyyee fi bifa itt waliigaltee nagaa tolfamee irratti ummataaf ifa akka taasifamuufis Izeemaan gaafatee jira. Dhimma kana ilaalchisee mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa irraa deebiin arganne hin jiru jechuun keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Gama biraatiin, Muummichi ministeera Itiyoopiyaa Abiy Ahimed erga dhiyeenya ajajaa warana WBO Zoonii giddu galeessaa jaal Sanyii Nagaasaa waliin walii galteen nagaa irra ga’amee booda ripxe loltoonni kumaan laka’aman waamicha nagaa simachuu isaanii beeksisan.
Guyyaa sabaa fi sab-lammoota Itiyoopiyaa 19ffaa magaalaa Haasaa magaalaa Arbaaminc keessatti kabajame irratti haasaa dhageessisaniin, Abiy, waamicha isaanii lola dhaabanii gara nagaatti akka deebi’aniif taasisan irra deebi’aniiru.
Kun obbolota keenya Oromiyaa fi naannoo A maaraa keessa soso’an kanneen injifannoon garaa qabsoo hidhannoo fi dura dhaabbannaa milkaa’a jedhanii amananiif MURTII gaarii dha jedhan.
Forum