Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Kalee Maaltu fida? Gaaffii Dhaggeefatootaa.


“Kanneen dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhigaa,dhibee onnee qaban, yeroo yerooti nageenya kalee isaanii ilaalmu qabu” Dr Sanbataa Guuttataa Hospitaala Xiqur Anbessaa irraa.

Kaleen xurii dhiiga keessaa qulqulleesuun, fincaaniin qaama keessaa akka ba’u taasisa, jechuun ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan, Yuunivarsitii Finfinnee Hospitaala Xiqur Anbassaa keessati ogeessa addaa ykn “Specialist” waa’ee dhukkuboota qaama keessaa ka ta’an, Dr Sanbataa Guuttataa "dhangala’aan adda addaa yeroo qaama keessatti heddumaatus akka fincaaniin ba’u gochuun, hormoonii qaama keessatti oomishuu fi akka dhiibbaan dhigaa hin daballee gochuun kaleen qooda guddaa qaba," jedhu.

Dr.Sanbataa Guuttataa
Dr.Sanbataa Guuttataa

Dhukkuboonni kalee huban gosa lama ta’u kan ibsan Dr Sanbataan, tokko isa ituu hin yaadamiin akka tasaa uumamu kan afaan ingliziin “Acute Renal Failure “ jedhamuu fi ka lammataa immo,dhukkuboota ka biroo yeroo dheeraa keessa kalee huban tahuu hubachiisan.

Kalee dhukkubasate gutummaatti fayyisuuf dadhabamus, dhukkubichi sadarkaa biraatti akka hin ceene gochuun ykn bakkuma jirutti ittisuun ka danda’amu ta’uu ibsanii, keessumaa namoonni dhukkuboota sukkaaraa, dhibbaa dhigaa fi dhibee onnee qaban, kaleen isaanii yeroo dhaa yerootti ilaalmu qabu dubbatu, Dr Sanbataan.

Wal’ansi dhukkuba kaleef godhamu, nyaata dawaa fi oguuma baqaqsanii hodhu kan of keessaa qabu ta’uu ibsuudhaan, wal’ansii afaan ingliziin “Dialysis” jedhamus ka jiru ta’uu Dr. Sanbataa Guttataa gaafii dhaggeefatoota biraa dhiyaateef deebii kennani jiru. Odeeffanno guutuu argachuuf gaaffi fi deebii gaggeefame dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG