WASHINGTEN DC —
Dhibee Chukunguniyaa jedhamu Diree Dhawaatti mudate ittisuufi namoota dhibaman yaaluuf hojiin baldhaan tumsaan hojjatamaa jira jedha Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa.
Institiyuutichi ibsa hardha Finffineetti kenneen akka beeksisetti namoonni Kuma Digdamaa (20,000) ol ta'an dhibee kanaan qabamanii jiru. Dabalataanis weerarri dhibee Koleeraa fi dhibee Pooliyoo kutaalee biyyatti garagaraatti akka haarawa mudachaa jiran himamee jira.