Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuboota Gama To’achuun Carraaqiin Mootummotaa Murtessaa Dha


Ulfaa fi da’uumsa waliin wal qabatee addunyaa irratti waggaa waggaan dubartonni kuma 300 fi kuma 60n kan du’an ta’uun gabaasameera.Duuti dubartoota ulfaa kun irra hedduun biyyoota Afrikaa uuffee sahaaraa gadii keessatti ta’uu kan ibsame yoo ta’u, gumiin walii galaa kan Tokk Mootummotaa New Yoork keessatti gaggeefamaa jiru tajaajiila ulfa hin barbaadamne ittisuun itti danda’amu dubartoota miliyoona dhibba heddu dhaqqabsisuuf haala itti danda’amu irratti mari’ataa jira.

Jaarmayaan fayyaa addunyaa ykn WHO..n mala itti gatii salphaan dhukkuboota nama irraa namatti hin dabarre wal’anuun itti danda’amu irratti ibsa baasee jira.

Dhukkuboota nama irraa namatti hin dabarree garuu wal’ansi isaanii gatii guddaa nama baasisu kan akka kaansarii, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee maqaa dhahame. Haala dinagdee kufaa jiruun Yeroo ammaa dhukkuboota akkasiif wal’ansa argachuun maallaqqa guddaa gaafata, Kanaaf jecha uummanni miliyoona hedduun waggaa waggaan hiyyumaaf saaxilama.

Daayreekterri jaarmayaa fayyaa addunyaa margaret Chaan hogganonni addunyaa kanneen gumii Tokk mootummotaa irratti hirmaatan hatattamaan waan qabatamaa akka murtessan
gaafatan.Rakko dhukkubonni daddarbaan gesisaa jiran dhaabsisuuf hogganonii fi kabajamtonni walgahii kana irratti argamtan, aangoo qabdu.Dhukkubootuma rakko geesisan kana dhaabsisuufis dandeetti qabdu jedhan Chaan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG