Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubsattoonni Tigraay Keessaa Hanqina Dawaan Du’aa Jiraachuu Doktoroonni Dubbatan


Faayilii -Phaarmaasii Hoospitaala Humaraa keessatti manca'e, Tigraay
Faayilii -Phaarmaasii Hoospitaala Humaraa keessatti manca'e, Tigraay

Mootummaan baatilee hedduuf naannoo Tigraay cufataa waan taasiseef jecha sababaa hanqina meeshaalee wal’aansa fayyaa fi dawaan dhukkubsattoonni dhibee ittisuu danda’amuun du’aa jiraachuu doktoroonni naannoo sanaa beeksisan.

Naannoo sana keessaa doktoronni meeshaalee ittiin wal’aanaan murtaa’aa qabu. Doktoroonni hospitaala referaalii Ayider akka jedhanitti, hanqinni meeshaalee wal’aansaa, IV fi oxygen lubbuu hedduu galaafate.

Doktoroonni hospitaala Maqaleetti argamu kanaa ibsa kibxata baasaniin akka jedhanitti, sababaa hanqina meeshaalee wal’aansaaf baatilee ja’an darbaniif wal’aansa baqassanii hodhhuu fi gargaarsa barbaachisaa ta’e kanneen biroo kennuun qaruma hin danda’amne.

Rooyiters akka gabaasetti, doktoroonni hospitaalichaa sababaa daariqaa fi miillii fi harki cituu akkasumas kaleen hojii dhaabuu sababaa hanqina meeshaalee wal’aansa fayyaan namoonni 117 du’uu adda baasaniiru.

Doktoroonni gameeyyiin akka jedhanitti dhibba irraa harka 80-90 kan jiran hospitaalonni Tigraay hojjetaa hin jiran.

Haalli jiru akkuma jirutti ta’ee, mootummaan Itiyoophiyaa irra deddeebi’uu dhaan itti gaafatama fudhachuu didee jira. Dubbi himaan mootummaa Leggesee Tulluu wixata darbe akka jedhanitti mootummaan uggura naannoo Tigraay irra kaa’e hin qabu jedhan jechuun Rooyiters gabaasee jira. Kan amma Tigraay keessatti ta’aa jiru itti gaafatama TPLF qofa jedhan.

TPLF baatii muddee keessa utuu of irra hin deebi’in ennaa naannoo Amaaraa fi Affaar weerarretti, meeshaalee wal’aansa fayyaa hospitaalota hedduu akkasumas waaltaalee eegumsa fayyaa 100 ta’an same jechuu dhaan obbo Legesse himatanii jiran.

TPLF garuu himannaa sana haaluu dhaan hanqina gargaarsa namoomaa naannoo sanaaf mootummaatti quba qabe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG