Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dimookiraatonni Wal-falmii Isaanii Ohayoo Irratti Traampitti Fuuleffatan


Falmii prezidaantummaa kan Dimokraatota

Dimookiraatonni kurnaa ol filannoo prezidaantummaa bara dhufu geggeessamu irratti kaadhimamaa paartii isaanii ta’anii dhihaachuuf wal-falmiin wal-gidduutti geggeessan kaleessa Ohaayootti geggeessamee jira. Qeeqa hedduu prezidaanticha Yunaayitid Isteetis – Donaald Traamp irratti ka dhiheessan wal-dorgomtoonni Dimookiraatotaa kun, dhimmoota akka tajaajila eegumsa fafyyaa fi wal-qixxummaa galii fi Siiriyaa dhaa ba’uu waraana Yunaayitid Isteetis irratti wal-dura dhaabbachuun wal-falmanii jiran.

Akka Jiim Meloon gabaasetti, wal-falmii kaleessa galgalaa irratti dhimmi ijoo ka ture, waa’ee qorannaa prezidaant Traampiin taayitaa irraa buqqisuuf geggessamuu, ka prezidaantichi mormituu isaanii – dimookiraaticha – Joo Baa’ideen irratti akka qorannaa geggeessitu Yukireeniin gaafatan, jedhu faa of keessaa qabu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG