Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Dhukaasa-Dhaabinsaa Israa'eli fi Hizboollaah kan Hordofan Diplomaatiin Yunaayitid Isteetis Beeruutiin Seenan


Ergamaa Addaa Yunaaytid isteets Amoos Hochistiin ibsa oggaa kennan, Beeruut, Sadaasa19, 2024.
Ergamaa Addaa Yunaaytid isteets Amoos Hochistiin ibsa oggaa kennan, Beeruut, Sadaasa19, 2024.

Lola Israa’elii fi garee Hizboolaah isa Libaanoon keessa socho’u gidduutti adeemaa jiru dhaabsisuuf walgaltee dhukaasa dhaabuu irrati marii taasisuuf Diplomaatiin Yunaayitid Istees Beeyirutiin seenanii jiru. Diplomaatii gameesa bulchiinsaa Joo Baayiden kan ta’an Amoos Hochistiin Qibxataa har’aa ergaa Beeyirutiin seenanii booda, afaan yaa’ii paarlamaa mootummaa Libaanoon Nabih Beerii wajjin wal arganii waa’ee dhukaasa dhaabuu irratti dubbachuun ajandaa isaanii isaa jalqabatti.

Gareen Hiziboolaah fi mootummaan Libaanoon dhimma dhukaasa dhaabuu irratti Waligaltee irraa gahuu isaanii gargaarraan afaan yaa’ii parlamaa mootummaa Libaanoon Ali Hassan Khalil dubbachuu isaanii madii oduu Rooyters wixata kaleesaa gabaaseera. Akkaataa wixinee waligaltichaatiin, umnoottan Israa’el Libaanoon keesaa yemmuu bahan, gareen Hiziboolaah immoo daangaa Israa’el irraa gara boodaatti akka deebi’u, waraanii mootummaa Libaanonii fi kan mootumoota gamtoomanii daangaa Israa’elii fi Libaanoon irra qubachuudhaan akka nageenyaa kabachiisaan maddii oduu Assooshiyeetid Prees beeksiseera.

Gama biraatiin waligaleteen dhukaasa dhaabuu taasifamus Israa’eel haleellaa Hizboolaah irratti raawwatuu akka itti fuftu muumichii ministeraa Israa’eel Beenjamiin Netaaniyaahuu beeksisaniiru. Hizboolaahin waligaltee dhukaasa dhaabuu kabajuu isaa irratti akka waan abdachiisaa ta’e hin qabne kan ibsaan muumichi ministraa Beenjamiin Nataniyaahu, amma umnii garee Hizboolaah mancaa’utti akka lola itti fufan Paarlama mootummaa isaanii irratti ibsa kennaniin dubbachuun isaanii beekameera.

Diplomaatiin Yunaayitid Isteetts ittu Beeruutiin hin seeniin Sa’atii muraasa dura, Israa’eel haleellaa magaala Beeyiruut irratti raawatteen namoottan Shan ajjefamanii, 31 immoo madaa’uun isaanii ministirrii fayyaa mootummaa Libaanoon ibseeraa. Haleellaan kun guyyaa lama keessatti yeroo Sadaffadhaaf kan raawwate akka ta’e beekameera. Wixata kaleesaa gareen Hizboollaah gama isaatiin Rookeetootaa 100 ta’an gama Kaaba Israa’elti dukaasee jira. qibxata har’aas Hizboollaan magaalaa Kaaba Israa’el Kiryaat Shimoonaa irratti Rookeetti dhukaasuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG