Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diploomaatonni Amerikaa Torban Kana Yukreenti Akka Deebi’an Ibsamee Jira


Ministrii haajaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan fi ministeerii Ittisaa Yunaaytid Isteetees Loyiid Ostiin pirezdaantii Yukireen wajjin Ebla 25, 2022 (Suuraa: Waajjira Pirezdaanti Yukireen irraa argame)
Ministrii haajaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan fi ministeerii Ittisaa Yunaaytid Isteetees Loyiid Ostiin pirezdaantii Yukireen wajjin Ebla 25, 2022 (Suuraa: Waajjira Pirezdaanti Yukireen irraa argame)

Ministriin haajaa alaa kan Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan fi ministeerri Ittisaa Yunaaytid Isteetees Loyiid Ostiin wal waraansii gaggeeffamaa kan jiru ta’uus magaalaa galma Yukreeniin Kiyaaviin daawwatanii jiru.

Diploomaatonni Amerikaa torban kana keessa gara Yukreenti kan deebi’an ta’u fi duula haleellaa Raashaa faccisuuf kan gargaaru Amerikaan gargaarsa meeshaa waraanaa dabalataan akka ergitu beeksiiftee jirti.

Angawoonni gameeyyiinnAmerikaa kun Wiixata har’a Yukreeniif deggersii taasifamuu akka itti fufuu akkasumas biyyonni kanneen biroonis deggersa gochuuf akka hiriiran ibsan.

Bliinkan Ostiinn waliin Kiyaaviin eega daawwatanii booda Polaanditti deebi’uun tuuta oduuf akka ibsanti, Raashaan kutaalee Yukreen akkaan miidhuuf yeroo yaalaa jirtu kanatti lammiwwan Yukreen jabaatanii dhaabataa jiru.Kanas kan godhan gargaarsa guutuummaa addunyaa irraa qindeessineen jechuun ni danda’ama jedhan.

Bliinkan akka jedhanti, isaanii fi Ostiin prezidaantii Yukreen Zeleniskii fi anagawoota biroo waliin sa’atii sadiif wal arguu isaanii fi lameenuu deggersa Amerikaan qabdu ibsuu fi walitti bu’iinsa itti fufaa jiru Kanaan Yukreen maal akka barbaadduu prezidaant Zelenskii irraas dhaga’uuf ture.

Waajirri Zeleenskii har’a ibsa baaseen mariin gaggeessan toora of-irraa ittisaan wabiin nageenyaa argamsisuu fi gargaarsa maallaqaa Yukreeniif kennuu kan jedhu ture jedheera.

Gama Yukreeniin Raashaa irra ugguura dabalataa kaa’uu isa jedhu irratti kan fulleeffate ture.Tarkaanfiin inni itti aanuu maal akka ta’u beekna, deggersa michoota keenyaa abandanna jedhan Zeleenkiin.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG