Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dirree Dhawaatti lagii guddaan riqaa caaccabsee, nama sadii fudhatee,karaa kukkutee makiinaan hedduun fa’iisaan karaa irra ejaajja


Lolaa guddaa Dirree Dhawaatti baafate
Lolaa guddaa Dirree Dhawaatti baafate
Laga Dirree Dhawaatti baafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:41 0:00
Xurree marsariitii

Magaalaa Dirree Dhawaatii fi naannoon isii dhiyoo tanaayyuu rakkoo lagii itti fide ta gara garaa keessa jirti.

Nami ganda Gorroo irraa dubbifnelleen lagii kun waan hedduu balleesse “jireena kiyya keessatti galaana hagana guddaa argee hin beekuu namii gara magaalaa Jerbaa jedhanii baqachuutti jira.”

Lolaan kun riqaa ganna 50 duratti Xaliyaanii hojjate torbaaniin duartti jissee kalee fudhatee badeen,hujummoo bisaaniillee caaccabsee horiillee fudhate namallee watlti dbahuu dhowwate.

Lagi kun haga ammaatti k beekame nama sadii fudhatee jedhan.Tana maleellee dallaan dhagaan ka mootummaan akka lagii kun ganda Gorroo, yuniversitii Dirree Dhawaa, ganda Sebaattenyaa hin seenne tolchuu jaarellee cabsee ganda seenuutti jira.

Akka namii ganda Gorroo irraa dubbifne jedhetti gandeen akka Jerbaa, Kuubaa Kaambii,Huurso, Malkaa-Jabduu, ollaa Industirii faatti walti hin taakkine karaa kute.Riqaa ollootii kun waltiu dhufuuillee ya kute.

Lagii kun naannoo Oromiyaa gara Laangee fi Qarsaa irraa dhufee waan ufi duratti arge makiinaa,horii,manneen fi waan hedduu irraa faca’aa dhufee nama hedduutti laga kana baqachuutti jiraa hagii tokko mana kiraa barbaadachuutti jiraa jedha namii Gorroo dubbifne.

Akka innii jedhutti cirrachii mootummaan laga kana qabuuf karaa irratti naqelleen laga kana ittisuu hin dandeenne, “amma itti naqanii… ammuma xaragee deemaan.”

Laga kanaan namaa qofaa mitii makiinaan Jibuutii mi’a fa’atee dhufu, taaksii fi hedduutti Dirreetti gadi bu’uu dadhabee fa’iisaan karaa irra ejaajja.

Gama kaaniin akka ogeettiin Ejensii Raaga Qilleensa Biyyoolessaa ,aaddee Caalii Dabalee jettutti amma biyya keessaa fulaa hedduutti bokkaa Arfaasaa argachuutti jiraa. Laftii biqiltuu qabaachuu baannaan lolaan lafa hin seenuu lolaan baayyata.

Rakkinna amma jiru kun ammoo akka aaddee Caaliitti jijjiirama qilleensaa,El Nino gula dhufe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG