Gama Dimokraatootaa irraa miseensa Koongresaa Yunaaytid Isteetes kan ta’an Donaald Peeyin uumrii isaanii 74tti Bitooteessa 6, bara 2012 du’an. Peeyin miseensa mana maree bakka bu’ootaa yeroo turan akka Ambaasaaddara Afrikaatti ilaalamu turan.
Dhukkuba Eedsii, Busaa fi dhibee sombaa biyyootii Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessaa ittisuuf akkasumas wal’anuuf kan oolu Doolaarri Miliyoona 100 akka raggaasifamuuf heddu gargaaran.
Donaald Peeyn mana maree bakka bu’ootaa keessatti kan filataman bara 1988 keessa yoo ta’u gurraacha jalqabaa kan kutaa New Jersy irraa miseensa kongresaa Ameerikaa ta’an turan.
Barnootaa dabalatee dhimmootii adda addaa biyya keessaa fi addunyaa irra Demokraasii fi kabajamuun mirga dhala namaa akka jiraatu hojjatan.
Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa